Keessummaa kabajaa keessaas Obbo Goolee Baasoo fincilli ilmaan Oromoo gaggeessaa jiran fi itti wareegamaa har’a gahan kun saba keenya dukkana gabrummaa fi roorroo jala jiru ifa bilisummaatti fiduu waan taheef ilmaan Oromoo bakka jiranii waan danda’aniin hidhaa gabrummaa jalaa bahuuf falmachuun, tokkummaa saba ofiis eeggachuun hedduu barbaachisaa tahuu gadi faggeessanii ibsan.
Ayyaana kana akkaan miidhegsuu keessatti qooda guddaa kan fudhatan aartistoota ilmaan Oromoo turoo kanneen akka obbo Afandii Siyyoo fi jaalatamtootni wallistootni kan biro kan akka Kumalaa Addunyaa, Tasfaayee Dhimmaa fi k.k.f. sirna kabajatnaa kana surra-qabeessa taasisaa oolaniiru.
Itti aansees guyyaa FDG kana jabeessuuf birmatnaa godhamu keessaa tokko humna dinagdeen itti irmachuu tahuu kan dubbatan Jaal haayilee Tolaa:
“Fincila Diddaa Gabrummaa ani of irratti finciluudhaanin jalqabe. Sadaasa 9 bara 2008 hamma Sadaasa 9 2009 of irratti fincileen guyyaatti $Aus 1:1 (tokko tokko) ol kuusuu jalqabe. Kunoo har’a $Aus 365 (dhibba sadii fi jaatamii shan) FDGf galii godheen jira. Kanab finial kana mee dura of irraa haa jalbanu” jedhan. Of-irratti murtiin akkanaa kun kaaniif illee fakkeenya akka tahuu danda’u hirmaattotni ayyanichaa hark-rukkuttaa ho’een dhugoomsanii jiran.